"Somaalilaandi keessaa Oromoo hedduu qabanii kaambii Wucaaleetti walti guuruutti jiran"

Hargeessaa,Somaalilaandi

Your browser doesn’t support HTML5

Somaalilaandi keessaa Oromoo kuma hedduu baqachiisan

Ministirii odeeffannoo mootummaa Itoophiyaa, Dr.Nagarii Leencoo ibsa dhiyoo tana gaazexeessitota biyya keessaatii kenne irratti Somaalilandi keessatti seera malee Oromoo 3,000 caalan baqachiisan jedhe.

Oromootii Somaalilaandi magaalaa Hargeessaatii dubbifnelleen tanuma jedhan. Akka jarii jedhutti nama hedduu qabanii kaamboo Wucaalee,magaalaa Somaaliilandi ta Idaarii biyya suniitii fi Itoophiyaa jidduu jirtu keessatti hidhanii achii Itoophiyaatti ergan jedha.

Dhaabii silaa biyya Ormaatti baqataa gargaaruu male,UNHCR akka namii Somaalilandi keessaa dubbifnetti humna jabduun namaan gargaaruuyyuu hin qabu.

“Namni qabamee biyyatti ergamu ka warqata UNHCR qabu,ka bara hedduu Somaalilaandi jiraate fa,” jedha bakka buutotii hawaasa Oromoo Hargeessaa jiran.

Fulaan akkana keessaa nama qaban jedhan Somaalilaandi keessaa magaalaa Hargeessaa, Buroo,Barbaraa,Atisbuyoo, Booram,Wucaalee fi lafa hedduu.

Wucaaleen nama hedduu keessatti walti guuran jedhan tun kaambii waraanaa hamtuu jireennaa dhiisii keessaa ooluufillee namaa hin taane jedhan.

Bulchiinsii Somaaleelandi akka Oromoo biyya isaa keessa jiran hin tuqamnee fi nagaan jiraatan torbaan sadiin duratti dubbate,taatullee akka Oromoon achii dubbifne jedhanitti wannii jedhanii hojjatan tokkoo mitii akkuma fedhan nama hidhuutti jiran.

VOA-n waan Oromoon biyya sun jirtu himatte bulchiinsa Somaaleelandi fi dhaaba UNHCR irraa qulqulleeffachuf yaaltee dadhabde.