Paarlaamaan Itiyoophiyaa guyyaa har’aa yaa’ii addaa gaggeessee naannoo Oromiyaa Godina Qellem Wallagaa Aanaa Hawaa Galaan keessatti lubbuun namoota nagaa irra badii gaheef gadda itti dhaga’ame ibseera.
Haleellaa lubbuu jiraattota naannoo sanaa dhibbaan lakkaa'aman kanneen saba Amaaraa ta'an galaafate qorachuuf koree hundeesse. Paartiin mormituu Sochiin Dimookiraatawaa Amaaraa gaaffii Mana maree Federeeshiniif dhiyeesseen murtii mootummaan federaalaa yeroof naannoo sana akka bulchu hayyamu akka dabarsu gaafateera. Paartichi har'a magaalaa Finfinneetti ibsa gaazexeessitootaaf ni kenna.
Humnoonni Federaalaa fi Naannoo Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Hawaa Galaan Eegaa Jiraachuun Himame
Naannoo Oromiyaa jiraattonni godina Qellem Wallaggaa aanaa Hawaa Galaan VOAf akka himanitti, humnoonni nageenya naannoo fi federaalaa naannicha to’achuun tasgabbii fiduuf hojjechaa jiru. Jiraattonni bakka biraatti faffaca'anis gara biyyaatti deebi'uuf yaalaa jiru jedhu. Komishiniin Mirga Namoomaa Ityoophiyaa du’a namoota nagaa dabalataa ittisuuf humnoota nageenyaa mootummaa hatattamaan akka boba’an gaafatee jira.