Paarlaamaan Somaaliyaa Afaan Yaa’ii Haaraa Filate

  • VOA

Mohammed Mursal Abdirahman, afaan yaa’ii paarlaamaa Somaaliyaa haaraa

Seera tumtoonni Somaaliyaa Mohammed Mursal Abdirahman afaan yaa’ii paarlaamaa haaraa gochuun har’a filatanii jiru.Kunis eegumsa guddaa jala kan jiru gamoo paarlaamaa somaaliyaa keessatti sagalee marsaa lamaa eega kennamee booda.

Abdirahman aangoo ministeera Ittisaa irraa torban darbee gadhiisuun afaan yaa’umaaf dorgomuun sagalee jiran 265 keessaa 147 argatan.

Duraan itti aanaa ministeera telekomunikeeshinii ka turan Ibraahim Yarow injifatan. Yabroon sagalee 118 argatan.

Angoo kanaaf kaadhimamtoonni kudhan kan dhiyaatan yoo ta’u Ebla 12 namnii siyaasaa beekamaan Mohammed Osman Jawaarii eega aangoo sana gadhiisan booda barcuumii sun banaa ture.