Paartiin Badhaadhinaa Wal Ga’ii isaa kan Koree Hoji Raawachiistuu Eegale

  • VOA

Koreen hoji raawwachiistuu paartiin biyya bulchu kan Itiyoopiyaa wal ga’ii isaa jalqabeejira. Parezidaantiin paartichaa Dr. Abiy Ahimed akka jedhanitti wal ga’iin sun dhimmootii murteessoo ta’an irratti fuuleffata.

Wal ga’iin kun kan dhaga’ame, ennaa Yunaayitid Isteetis angawoota Itiyoopiyaa rakkoo namoomaa Tigraay keessaa dhaabsisuu dhaban jechuu dhaan himatee uggura viisaa kaa’uuf murtee dabarsitee fi prezidaant Baayiden immoo dhimma Itiyoopiyaa kan yeroo ammaa fi dhimmootii naannoo sanaa irratti ibsa kennanitti.

Wal ga’iin kun kan geggeessame itti dabalee ennaa biyyattiin filannoo biyyoolessaa torban sadii booda geggeessuuf qophee xumurtetti. Gama biraan Masriif Sudaan waliin hidha laga Abbayaa yeroo lammataaf bishaniin guutamuu ilaalchisee walii galteen dhabamuunis dhimmi ijoo ka biraa ta’uu Mesfin Arage gabaaseera.