Afiriikaa Kibbaatti namoota hojii abuuda seeran ala baasaanii fi poolisoota gidduutti walitti bu’insa uumamee hordofee. poolisiin namoota lafa jalatti ittiseeru lubbuu namaa balaaf akka hin saaxille jechuun pireezidaantiin biyyattii gaafatan.
Poolisiin Afiriikaa kibbaa namoota albuuda seeraan ala baasan dhibbootaan lakkaa’aman waliin walitti bu’insa uumamameen lafa Albuuda baasaa jiran jalatti akka harka kennatan gaaffachuun hulaa isaan itti ba’an irra dhaabbachuun nyaannii fi dhugaatiin akka hin seenne dhorkaa jira. Pireezidaantiin biyyattii Siriyiil Ramaafoosaan Wiixata har’aa ibsa kennaniin namoonni albuudaa baasan kanneen boolla keessatti rakkatanii jiran lubbuu isaaniirra balaan osoo hin dhaqqabiin akka baafamanii jedhaniiru. Taateen kun kan ta’e Kaaba lixa biyyattitti yommuu ta’u waggoota kurnootaaf bakka waldhabdee ta’ee tureera. Namoonni kuma tokkoo ol kanneen hojii albuuda seeran alaa baasuu irratti bobba’anii jiran torbanoota darban keessa deebi’anii argamaniiru kan jedhe Poolisiin kanneen dhibbootaan lakkaa’amanimmoo ammayyuu lafa jala albuuda warqii qotaa jiru jechuun akka isaan harka kennataniif hulaa isaan ittiin ba’anii fi galan akkasumas karaa nyaannii fi bishaan dhugaatii isaaniif seenurra dhaabbatee dhorkaa jira. Jiraattonni naannoo fo gareen mirgaaf falmanimmoo angawoonni dhiyyeessiin nyaataa akka hin taasifamneef dhorkaa jiru jechuun qeeqa irratti dhiyyeessaa jiru.
Haallichi sodaachisaadha kan jedhan Ramaafosaan gara biraattis akka hin jijjiiramne jedhanii Albuuda seeraan ala baasuun yakkadha. Bakka yakki itti raawwatame ittisuu fi karaa yakkamtoonni hidhaa jalaa miliquu malan eeguunis hojii poolisiiti. Poolisoonni mirga warra albuuda baasanii akka kabajanii fi lubbuu isaanii balaarra akka hin buusne jechuun gafataniiru. Mootummaan isaaniis Idaastirii Albuudaa waliin ta’uun albuuda seeraan ala ba’u irratti akka hojjetus ibsaniiru.