Pirezdaantii Yunaaytid Isteets 41ffaa An Turan, Joorji H.W. Buush Du'aan Boqatan

  • VOA

Prezidaantiin 41ffaa Yunaayitid Isteetis Joorgi H. W. Buush, kan maatii jireenya sadarkaa ol’aanaa irraa dhalatanii fi kabajaan, hojii fi tajaajilli isaan biyya isaaniif kennan jaarraa 20ffaa keessaa waggoota jaatamaaf qooda gumaachaa ture kaleessa mana isaanii kutaa Teksaas, magaalaa Hiyusten jiru keessatti du’aan boqotan. Dubbi-himaa maatii isaanii tu Jimaata dhiha keessa boqochuu isaanii labse.

Kan umurii isaanii 94ffaatti boqotan prezidaantiin Yunaayitid Isteetis duraanii kun waggootaaf dhibee fayyaa akka dhukkuba Paarkinsensii fi dhukkuboota biroon qabamanii yaalamaa turan.

Buush lamaan. Abbaanif ilmi pirezdaantii Yunaaytid Istees taa"anii tajaajiluudhan seenaa galmeessaniiru

Kan umurii isaanii 94ffaatti boqotan prezidaantiin Yunaayitid Isteetis duraanii kun waggootaaf dhibee fayyaa akka dhukkuba Paarkinsensii fi dhukkuboota biroon qabamanii yaalamaa turan.

Ibsa boqachuu isaanii laalchisee masaraan mootummaa Yunaaytid Istees, Waayit Hawus harra baase irratti pirezdaant Traamp, “aniifii Melaaniyaan gadda uummanni keenya guyyaa harraa taa’aa jiru kana wajjin gaddaa jira,” jedhanii hojiiwwan Buush bara jireenya isaanii biyyattiidhaf hojjatan akkasumas amala isaanii gaarii kaasudhan faarsaniiru.