Horii kana keessaa doolarii bilioona 900 akka biyyaa fi ummatii koronaan hin moodhamne tolchuuf namaan gargaaran.
Nama miliyoona hedduutti doolara 60 jahaa argata.Pirezidaanti Tiraampi akka sagatnaa dhibii irraa horii diqqeessanii nama tokko dooalrii 2,000 aragtu fedhe.
Horii kana keessaa doolarii tiriliyoona 1 fi biliyona 400 ammoo bajta mootummaa ganna dhufuun haga Fulbaanaatti hojjatu.
Tiraampi duraan bajatata tana akka irra deebihanii qoratanii erganifi gaafatee eegee ammoo mallatteesse.
Akka pirezdaanti waan kogireesin irratti walii gale kana hurrisee mallatteessun paartii isaatii fi Demokriaatii fi Rippaabilikaan jabeessanii gaafachaa turan.
Adoo silaa pirezidaanti Tiraampi mallatteessuu baatee haga irratti walii galanitti waan hujiin hojjatu dhabanii biiroleen mootummaa huji dhaaban. Wannii kanaa armaan duratti marroo lamaa sadii caalaa taate.