Preezdaantiin Iraan Walitti Dhufeenya Diinagdee Gabbisuuf  Keeniyaa Daawwatan

  • VOA

Pirezidaantiin Iraan, Ibrahim Raa'is i fi Pirezidaantiin Keeniyaa, Wiliyaam Ruutoo, masaraa mootummaa Keeniya, Isteet Hawusi yeroo seenan, Naayiroobii, Keeniyaa, Adoolessa 12, 2023.

Pirezidaantiin Iraan Ibrahim Raa’is walta’iinsa dinagdee Iraan babal’isuuf kayyeeffatanii imala biyyoota Afrikaa sadiitti geggeessan Roobii har’a Keeniyaatti jalqaban. Kunis ugguura Yunaaytid Isteetis irra keesse bira darbuuni. Qondaaltonni Iraan fi Keeniyaa dameewwan teeknooloojii, odeeffannoo, guddina invastimantii, oomiisha qurxummii fi oomisha beeyladaa dabalatee, yaadannoo waliigaltee shan mallatteessanii jiru.

Raa'is itti aansanii immoo Ugaandaa fi Zimbaabuweetti imaluu saganteeffatanii jiru. Raa'is pirezidaantii Iraan waggoota kurna tokko ol booda Afrikaa daawwatan kan jalqabaati.

''hedduumiina daldalaa amma jiruu fi waljijjiirraa dinagdee biyyoota gidduutti taasifamaa jiruun tokkoon keenya iyyuu itti hin quufne,'' jedhan, Raa’is Roobii har’a ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin.

Imalli Raa’is kun, isa ji’a darbe biyyoota Laatiin Amerikaa kan akka Veenzuweelaa, Kuubaa fi Nikaraaguwaatti gaggeessani ture hordofee dhufe.

afp/jg/tg/dw