Manni murtii Kooriyaa Kibbaa, pirezidaantii biyyatti aangoo irraa kaafaman Yoon Suuk Yool irratti ajaja hidhaa baasuu isaa qorattonni Kibxta har’a ibsanii jiru.
Deggartoonni dhibbaan lakkaa’aman karra mana jireenyaa dhuunfaa isaanii birratti akka walitti qabaman taasiseera.
Yoon labsii seera waraanaa Muddee 3 baasan irratti yeroo sadaffaaf gaaffiidhaaf dhiyaachuu dhabuu isaanitiin Qorattoonni ajajii kun akka ba’u gaafatan.
Kibxata har’a waaree booda namoonni hedduun mana Yoon alatti barreeffama fi alaabaa Kooriyaa Kibbaa qabatanii dhaadannoo: "Seerri waraanaa seera qabeessa! Aangoo irraa kaasuun seera qabeessa miti!" jechaa turan.
"Ajajni hidhaa fi ajajni sakatta'iinsaa... ganama har'aa baheera," jechuun Waajjirri Muummee Qorannoo Waliinii kan Yoon irratti gaggeeffamu gaggeessu hubachisee jira.
Tajaajilli Nageenya Pirezidaantii (PSS) Yooniin eegu kanaan dura ajaja sakatta'iinsaa kabajuu waan dideef jecha, qorattoonni fi poolisiin hidhaa kana raawwachuu danda'uu fi dhiisuu isaanii ifa miti.
Gareen seeraa kan Yoon ajaja hidhaa kenname kana ''seera qabeessaa kan hin taane fi gatii kan hin qabne '' jechuun ibsee ajajii kun hojii irra akka hin ollee gaafachuuf waadaa galaniiru.
Poolisiin baay'inaan gara naannoo mana prezidaantichaatti kan ergaman yoo ta'u, mormitoonni akka sarara irra jiran akka eeggatan kan ajajan yoo ta'u, karaan mana jireenyaa Yoon seenuu fi ba'uu garuu banaa dha.