Prezidaant Baayiden Guca Dhaloota Haaraattan Dabarsa Jedhan

  • VOA

Pirezidaanti Joo Baayiden Roobii harraa, murtee filannoo isaanii bara 2024 paartii Dimookiraatotaa irra deebiin filatamuuf dhiisuu isaanii irratti Waajjira isaanii irraa hawaasaaf haasaha godhaa, Diisii, Adoolessa 24.

Prezidaant Baayiden akka tasaa filannoo bara 2024 keessaa eega of baasanii booda yeroo duraatiif ibsa Roobii halkan, waajira isaanii Waayit Haawus kan “Oval Office” jedhamu irraa uummata Amerikaaf kennaniin Guca dhaloota haaratti akka dabarsan dubbatan.

Kan waggoota shantama caalaa siyaasa Amerikaa keessaa tajaajilan Prezidaant Baaylden, “waajira kana nan dinqsiisfadha. Garuu, biyya koon caalaa jaalladha,” jedhan.

Kan umuriin waggaa 81, Joo Baayiden eega wal-falmii marsaa tokkoffaa morkataa isaanii ka paartii Rippaabilikaanii Doonaald Traamp waliin geggeessan irratti falmii gaarii gochuu hanqatanii booda akka dorgommicha keessaa bnahan dhiibbaa dimookiraatota irraa irra kaa’amaa ture fudhachuu diduu isaanii ennaa tuqanis, akka dhiisan kan isaan amansiisuu danda’a, “Waaqa hundumaa danda’u” akka tahetti dubbatan.

"Gara fuulduraatti deemuudhaaf karaan gaariin dhaloota haaraatti guca dabarsuu akka tahen murteeffadhe. Biyya keenya tokkoomsuudhaaf karaan hunda caalaa gaariin isa kana,” jedhan, Baayiden.

Baayiden murtoo kana irra gahuun isaanii, eega guyyootaaf of dhaggeeffatanii fi akka isaan Rippaabilikaanticha Doonaald Traamppin mo’amuu malanii fi dimookiraatotas fudhatanii gad-bu’an yaadawwan keessaa dhihaatan deddebi’aa turanii booda.

"Waa’ee Ameerikaa waan gaariin tokko, kan abbootiin irree fi mootonni bulchan tahuu dhabuu ishee ti. Seenaan harka keenya keessa jria. Aangoon harka keenya keessa jira. Ameerikaan maal akka taate, yaadni isaa harka keenya keessa jira," jedhan, Baayiden.

Baayiden dorgommii deebi’anii filatamuu akka itti hin fufne murteeffachuu isaanii eega karaa miidiyaa hawaasummaa beeksisanii booda, Roobii har’aa yeroo jalqabaatiif uummataaf ibsa bal’aa kennuu isaanii ti.

Eega bara 1968 Prezidaant Linden Joonsan akka deebi’anii filatamuuf hin dorgomne murteessanii dorgommii keessaa ba’anii booda, prezidaantii Ameerikaa yeroo duraatiif tarkaanfii akkanaa fudhatani dha. Johsan akkaataa dhimma Waraansa Veetinaam akkaataa itti qaban irratti mormiin waan irratti boba’eef, bara sana gaafa Bitootessa 31 dorgommii filannoo keessaa of baasan.

Baayiden eega dorgommii filannoo keessaa of baasanii booda, dimookiraatota naannawa isaatti hiriiree, amala isaanii fi akka prezidaantiitti qooda isaan gumaachan galateeffate.

Baayiden baatiilee jahan ammaa booda taayitaa irra turanitti, hojii isaanii prezidaantummaatti fuuleffatanii akka itti fufan dubbatan. Waa’ee waliigaltee dhukaasa dhaabinsaa Gaazaa dubbachuuf, boor kan Waashingtan jiran – Muummicha Ministaraa Isiraa’el, Benjaamiin Negaanyahuu wajjiin walga’uuf jiran.

Kan prezidaant Baayiden, bakka isaanii akka dimookiraatota bakka bu’uun dorgoman deggersa isaanii ibsaniif, itti-aantuu prezidaantiin Yunaayitid Isteetis, Kaamilaa Haaris, carraan kaadhimamaa paartichaa tahuun filannoo dhufu irratti dorgomuu sagalee bakka-bu’oota dimookiraatotaa gara 4000 irratti hundaawa. Bakka-bu’oonni kun baatii Hagayya dhufuu, Yaa’ii Biyyaalessaa Paartii Dimookiraatii irratti qaamaan dhihaatanii sagalee isaanii kennuuf jiru. Bakka-bu’oonni duraan Baayideniif deggersa isaanii beeksisan, kan prezidaantichi deggeran Kaamilaa Hariisiin deggeruuf dirqama hin qaban.

Kan duraan Baayideniin dinqsiifatanii, “Prezidaantii Ameerikaa hunda caalaa barbaachisaa,” ittiin jedhan, Prezidaantiin Ameerikaa duraanii, Baaraak Obaamaa Haaris bakka buufamuu ilaalchisanii deggersa isaanii hin beeksisne.

“Guyyoota dhufan keessa bishaan hin baratamiin daaknu tu jira. Garuu, hoogganoonni paartii keenyaa sirna ittiin kaadhimamaan cimaan ittiin as bahu akka uuman shakkii hin qabu,” jedhan, Obaamaan.

Gama biraatiin, paartii Rippaabilikaanii irraa kaadhimamaan prezidaantummaa Doonaald Traamp fi Afaan Yaa’iin Mana-maree, Maayik Joonsan eega Prezidaant Baayiden dorgommii filannoo keessaa bahuuf murteessuu isaanii beeksisanii booda, prezidaantichi biyya geggeessufiyyuu gahaa miti, jechuun qeeqanii turan. “Prezidaatichi hatattamaan taayitaa gad-lakkisuu qabu,” jedhanii turan, Joonsan.