Prezidaantiin Faransaayii Imaanuu’el Maakroon Sambata Muddee 12 bara 2017 Itiyoophiyaa keessatti daawwannaa hojii kan gaggeessuuf jiran ta’u madden Diploomaasii kan biyyatti beeksiisanii jiru. Prezidaant Maakroon mummicha ministeeraa Abiyyi Ahmad waliin ta’uun deggersa maallaqaa Faransaayiin kan haaroomfamee fi Finfinnee keessatti kan argamuu Masaraa Biyyooleessaa kan Itiyoophiyaa ykn Iyoobeeliyyuu eebbisuun kan banan ta'uun dhimma ijoo ta’un ibsameera.
Hojii haaroomsaa kana deggeruuf Faransaayiin maallaqa Yuroo Miliyoona 25 kennuu ishees ibsameera. Angawoonni lameen marii gaggeessuuf akka jiran kan ibsan madden mariin jalqaba irratti duddubatan waa’ee walii galtee Ankaaraa Itiyoophiyaa fi Somaaliyaan ji’a keessa jirru kanatti mallateessan irratti jedhu.
Prezidaant Maakroon waliigaltee tolfamee akka simatanii fi deggersa akka taasiisan madden Diploomaasii kun ibsanii waa’ee waliigaltee pritoriyaas hojii irra olfama isaa akka dubbachuuf jiran Itiyoophiyaa bakka adda addaatti walitti bu’iinsa mul’ataniifis furmaata karaa nagaa akka argamuuf jajjabeessu jedhu. Masaraan Biyyooleessaa kan Itiyoophiyaa kun bara mootii Haayla Sillaasee 1948 kan ijaaramee ta’u Iskindir Freew Finfinnee irraa gabaasee jira.