Prezidaantiin Turkii Xayyib Erdogaan Yukireen Rashaa keessatti haleellaa raawwachuuf misaayila fageenya dheeraa gargaaramuuf Yunaayitid Isteetis murteessuu ishee mormuu dhaan walitti bu’iinsa sana daran hammeessa jechuu isaanii Roobii har’aa waajjirri isaanii barreeffama qoodeen beeksiseera. Yukireen Kibxata darbe misaa’ela Yunaayitid Iteetis ATACMS fayyadamuun naannoo Raashiyaa rukutte, kan aangoo gad dhiisaa jiran bulchiisa prezidaantii Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden irraa guyyaa 1,000ffaa waraanni Yukireen geggeeffamuu jalqabe irratti hayyayama haaraa kennametti fayyadamtee.
Guyyuma kana Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin galmee imaammataa Moskoo haleellaa diina meeshaa barame fayyadamuun haleellaa raawwatameef deebii kennuuf meeshaa niwukilaraa fayyadamuuf ulaagaa diriirsu raggaasisaniiru. Erdogaan balalii Biraazil bakka wal ga’ii biyyoota guddataa jiran kan G-20 irraa gara Turkiyaatti deeb’ian irratti gaazexeessitootaaf ibsa kennaniin, Tarkaanfiin Baayiden kun tarkaanfii waraana kanatti ibbida qabsiisuu fi akka babal’atu taasisu malee xumuramuu isaa mirkaneessuu utuu hin taane baal’isuu ti jedhan.
Tarkaanfiin kun walitti bu’iinsa kana hammeessa qofaa miti, garuu Raashaan tarkaanfii cimaa akka fudhattu taasisa jechuu dhaan Mooskoo fi Kiyiiv gocha akkasii irraa akka of qusatan gaafataniiru. Miseensa NATO kan taatte Turkiin Abbaa biyyummaa Yukireen ni kabajji, weerara Raashaas balaaleffatteetti, deggersa waraanaas Kiyiiviif kenniteetti.
Garuu Turkiin galaana gurraacha irratti Raashaa fi Yukireeniif hollaa waan taateef uggura warreen gama dhiyaa Mooskoo irra kaka’an mormiteetti.