Ayyaana Galateeffannaa isa Kamisa borii guutummaa Yunaayitid Isteets keessatii kabajamee oolu sabaabeeffachuudhaan Prezidaantiin Biyyatii joo baayiden haadhaa warraa isaanii jiilii waliin, akkasumas itti aantuu prezidaantiin Kaamilaa Haariis abbaa warraa isaanii Daag Imhoofii wajjin ta’uudhaan magaalaa Waashigtoon DC keessatti, manoottan baruumsaa fi bakka naamoonii mana hin qabnee qubatan deemuudhaan midhaan nyaataa indaaqqoo Turkii fi Dammee ykn Mixaaxisa irraa qophaa’e affeeraniiru.
Prezidaant Baayiden erga taatee tajaajila hawaasaa kana waawwatanii booda bakka yeroo boqonnaa ayyaana waggaa itti dabarsan gara kutaa biiyyaa Maasachuseets deemuun isaanii gabaasameeraa.