Pirezidaantiin Raashiyaa Filatamaa Prezidaantummaa Yunaayitid Isteetis Waliin Wal-arguuf Qophii Tahuu Dubbatan

  • VOA

Pirezidaantii Raashiyaa Vilaadimiir Puutiin , Raashiyaa, Muddee 19, 2024.

Puutiin ibsa waggaa kanaa sabaa himaaleef Kamisa har’aa kenneen Waggoota Afurii oliif Tiraampi waliin dubbannee hin beeknu, Yoomm akka ta’u hin beeku garuu isa waliin wal arguufan jira jedhee bal’inaan hin ibsine. Yeroo kamiyyuu isa waliin dubbachuuf qophiidhas jedhe.

Ibsa isaa keessatti waa’ee Siiriyaa kan kaase Puutiin Mooskoon Siiriyaa keessatti hin moo’amne ,hinumayyuu warra amma aangoo fudhataniif buufata waraanaa Raashiyaa Damaaskoo kessa jiru bakkatti deebisuuf Mooskoon yaada dhiyyeessiteettis jedhe.

Pireezidaantii Siiriyaa bulchaa ture Bashaar Al-asad gara Mooskootti baqachuuf kan dirqameeru haga ammaatti argee akka hin dubbisne kan hime Puutiin garuu argee dubbisuuf karoora akka qabus eereera. Gaaffii waa’ee gaazexeessaa lammii Yuunaayyitid Isteetisi Ostiin Tisee kan Siiriyaa keessatti achi buuteen isaa dhabame ilaachisuun gaafatameef Puutiin yommuu deebisu Asaadiin akka gaafatuu fi bulchitoota haaraa amma Siriiyaa bulchanis gaazexeessichi eessa akka jiru akka gaafatus himeera.