Qondaalli ABO Yaasoo Kabbadaa fi Hidhamtoonni Biroon Hiikaman  

Yaasoo Kabbabaa(suuraa faayilii)

Galmee qondaala siyaasaa ABO Obbo Yaasoo Kabbabaw jalatti himannaan itti dhihaatee mana hidhaa turan hoggannonni fi miseensonni ABO ajaja Mana-murtii ol’aanaa feederaalaa, kutaa Lidataa dhadacha farra shorokeesaa fi dhimmaa heeraatiin akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti Waxabajii 15,2013 mana hidhaatii bilisaan gad lakisamaniiru.

Namoottan gadi lakisaman keessaa tokko Obbo Yaasoo Kabbabaw otuu yaakamaa ta’uun isanii hin mirkanaa’iin wagga tokkoo fi ji’oota kudhan hidhamanii gad lakkisamuu isaanii himanii, “bilisaan mitii kan gadi lakkisamne,” jedhan.

Abbaan alangaa feederaalaa gama isaatiin, mana hidhaa keessa ta’anii mana murtiitti deddebi’anii falamachuun yeroo haqa argachiisuuf darbbe malee yeroo akkanumatti bade mitii jedha.

Gabaasaa guutuu caqasaa

Your browser doesn’t support HTML5

Qondaalli ABO Yaasoo Kabbadaa fi Hidhamtoonni Biroon Galmee Isaaniirratti Himataman Hiikaman