Qondaallii Polisii Naayjeeriyaa Angoo Isaanii Irraa Kaafaman

  • VOA

Naayjeriyaa Kibba Bahaa keessatti namoonni 1800 caalan mana hidhaa keessaa eega miliqanii ya’anii guyyaa lama booda qondaallii polisii Naayjeeriyaa angoo isaanii irraa kaafaman.

Inspeetar Jeneraal Mihammad Adamuu hojii irraa kan kaafaman Kibxata kaleessaa yoo ta’u mana hidhaa bakka Oweerii jedhamu eega daw’atanii gareen adda baatoota Baayaafraan kanneen mana hidhaa haleeluun kanneen hidhaman walaba baasan dhabamsiifamuu qabu jechuun labsanii turan.

Qondaallii Polisii kun maaliif hojii irraa akka kaafaman hin ibsamiin jira.Prezidaantiin Naayjeriyaa Maammaduu Bohaarii qondaala waraanaa iddoo buusanii jiru.