Doktoor Mararaa Guddinaa har’a mana murtii ol aanaa dhaddacha 19ffaatti kan Lidataatti dhiyaatanii jiran. Abukaatonni isaanii gaaffii kana dura dhiyessaniin harki isaanii kaateenaa dhaan akka hin hidhamne ka jedhu illee deebii argatee, har’a harki isaanii hidhamaa hin turre jedhan. lakkoobsi abukaatota isaaniif falmanii fi kan firoottan isaanii isaan daawwatan illee murtaa’aa akka hin taane gaafanne sun deebii hin arganne jedhu Abukaatoon isaanii.
Ragaan abbaan alangaa lamas dhuga ba’umsa kennanii jiru. Ragaan inni duraa komputera isaanii keessaa waraqaa fuula 100tu maxxansame yoo jedhu ini kaan immoo fuula 146 tu maxxanfame jechuun dhddachichaaf ibsanii jiru. Abukaatoo Dr. Marara kan ta’an obbo Wandimmuu Ibsaa akka keenyatti ragaan kun wal faallessa murtiin hafe kan dhaddachichaati jechuun oolmaa mana murtii har’aa ibsaniiru.
Your browser doesn’t support HTML5