Rakkoo KOOVIID Irraa Bu’aa Kan Argatee Jiraa? 

  • VOA

FAAYILII- Abbaa qabeenyaa Ispees Ekisii fi Teslaa, Ilaan Maaski

Addunyaa irratti dhiirri dureeyyii ta’an 10 waggaa weerarrii dhukkuba KOOVIID itti hammaatee lamaan keessatti, qabeenyii isaanii dachaan dabaluun ibsamee jira. Gama kaaniin hiyyumaa fi wal qixxumaan ilaalamuu dhabuun hammaachuu isaa gabaasnii ba’e hubachisee jira.

Oksifaam(Oxfam) akka jedhutti, dhiiroonni dureeyyiin 10 kan qabeenyi isaanii Biliyoona 700 ture, gara Biliyoona 1.5ti kan guddatee yoo ta’u, kana jechuun guyyaatti giddu galeessaan Dolaara Biliyoona 1.3 dabaleefii jira jedha.

Kunis walgahii xiqqoo kan gama marsariitiin hogganoota addunyaa hordoffii foramii dinagdee addunyaa jalatti gaggeeffameen ibsame.

Oksfaam akka jedhutti, dureeyyiin kun bara kooviid itti hammaateetti maallaqa argatan kana waggoota weerara sana dura turan 14 keessatti maallaqa haganaa hin arganne.