Rakkoon Gargaarsa Dhala Namaa Tigraay Keessatti Hammaataa Jira: UNHCR

  • VOA

Baqattoota Tigraay mooraa Um Rakuubaa keessa jiran, Sudaan, Sadaasa 16, 2020

Wal waraansii hammaataa yeroo jiruu kanatti namoonni kumootaan lakka'aman gara biyya ollaatti dheessaa akka jiran Dhaabnii Baqattootaa kan Tokkummaa Mootummootaa beeksisee jira.

Uummata sivilii kan Itiyoophiyaa fi baqattoota Ertraa kanneen Tigraay keessa qubatanii jiranii dhimmi isaanii yaaddeessaa ta'u kan ibsee dhaabnii baqattootaa gareeleen mirga dhala namaaf falmaniis torban guutuu dullii waraanaa humnootii Fedeeraalaa fi Kan Tigraay giddutti gaggeeffamaa jiru kun to'annaan ala ta'u mala jechuun akeekkachisaa turan jedha.

Gabaasa Lisaa Shalaayin Jeneevaa irraa ergitee caqasaa.

Your browser doesn’t support HTML5

Rakkoon Gargaarsa Dhala Namaa Tigraay Keessatti Hammaataa Jira : UNHCR