Rogeessi Iraan Tokko Namoonni Ilaalcha Siyaasaa Isaaniin Hidhaman Akka Hiikaman Erga Gaafateen Booda of Ajjeese

  • VOA

FAAYILII - Hiriira mootummaa Iraan momuuf bahame

Falmitoonni mirgaa Kamisa har’aa Rogeessa Iraan kan of ajjeese kanaaf beekamtii kan kennan yommuu ta’u innis namoonni siyaasaa Afur kanneen hidhaa jiran yoo hin gadhiifamne akka of ajjeesu akeekkachiisa erga kenneen booda kan of ajjeese.

Kinuush Sanjarii hooggantoota Rippaabilika Islaamik kan ta’e Roobii kaleessaa fuula miidiyaa hawwaasaa “X” irratti barreeffama maxxanseen namoonni siyaasaa Afur dhiira lamaa fi dubartoonni lama kanneen hidhaa keessa jiran yoo hin gadhiifamne akka of ajjeesu akeekkachiisa kennee ture. Kamisa har’aas kanneen mirgaaf falmanii fi dhaabbileen hedduun of ajjeesuu isaa mirkaneessaniiru . Duuti isaa kan mirkanaa’e maatii fi firoottan isaa Iraan keessa jiran miidiyaa hawwaasaa irratti maxxansaniinidha.

Snjariin falmitoonni mirgaa Faxumaah Sepperii , Nasiriin Shakaramii haati dargaggeessa bara 2022 hiriira mormii ture irraatti ilmi ishee ajjeefamee akkasumas Tomaaj Saleehii fi rogeessi mirga siivilootaa Arshama Rizaayi akka hidhaarraa gadhiifaman jechuun Roobii kaleessaa barreeffama maxxanseen manni murtii fuula marsariitii isaa irratti jarri kun gadhiifamuu isaanii hanga guyyaa keessaa sa’atii Torbaatti yoo hin maxxansine mormiin abbaa Irree Ayaatolaah Aliif qabu mul’isuuf jecha lubbuu koon balleessa , namni kamiyyuu yaada isaa ibsateef hidhamuu hin qabu , mormuun lammii Iraan kamiifiyyuu mirga. Jireenyi koo barreeffama Kanaan booda xumurama , garuu akka duunu dagachuu hin qabanu, kan du’uu qabnus lubbuu jaallanuufidha, kun du’a mitis jedheera.

Sanjariin bara 2015 tti haadha isaa duloomteettuu gargaaruuf jecha Yuunaayitid Isteetisitti Sagalee Ameerikaaf hojjechaa osoo jiruu gara Iraanitti kan deebi’ee fi ergasiis yeroo hedduu akka hidhamaa ture Rogeeyyiin hima jiru.