Hordoftoonni Amantaa Islaamaa hida dhaloota Ityoophiyaa qabanu kaneen magaala Waashingteen Diisii fi kutaawaan magaalichatti dhihoo ta’an irraa walitti dhufan Sagantaa galateeffannatiifi sooma Raamadaanaa waloon afaxaruu kutaa Verjiiniyaa, mana baruumsaa sadarkaa lammaffaa Anaandeel jedhamu keessatti raawataniiru.
Kaayyoo sirnichaa kan sagalee Amerikaati himan dhaabata Feerist Hijiraa keessatti Imaama kan ta’an Mehaamed Abdul Qaadir akka jedhanitti, kaayyoon walitti dhufeenyichaa hordooftoonii Amantichaa waan biyya keessatti baranii biyyaa Ammbaa kana keessatti dhaban waliin Afxaruufi kadhachuu asitti argachuu akka danda’an taasisuuf akka ta’e ibsaniiru.
Sirna kan irrttai kan argaman obbo Abdinuuruu Mahaamad Zaakiir kutaa Teeksas Magaala Daalaas irraa akka dhufan ibsanii, yeroo sooma Raamadaanaa bakka adda addatii walitii dhufanii wajjin nyachuun , wajjin Rabbiin kadhachuun sirna amantichaa keessatti barbaachisaa akka ta’efi qophichatti gamaduu isaanii sagalee Amerikaatti himaniiru. Sirna walitti dhufeenyaa kana namoottan qindeessan keessaa tooko kan ta’an aadde Ijigaayehu Hayiluu namoottan sirna kana irratti bakka adda addaatii dhufanii hirmaatan gamachiisuudhaaf yeroo dheeraa fudhatanii akka itti qophaawwa turan dubbataniiru.
Hordoftoonii Amantaa musiliimaa kun sirna waliin irbaata nyaachaati fi kadhanaatii alatis, waldaa isaanii jabeesuudhaaf sagantan gargaarsa walitti qabuu taasifamee, ergaawwan soomaa Ramadaanaa ilaalltanis hirmaatootaaf dhihachuu isaanii gabaasaan sagalee Amerikaa kutaa Afaan Amaaraa Habtaamuu Siyyum gabaaseera.