Siidaan Haacaaluu Laphee Uummataa Keessa Jira Jedheen Amana: Prezidaantii Yunivarsitii Amboo 

Siidaa Artiisti Haacaaluu Hundeessaa, Yunivarsitii Amboo 

Yunivarsiitiin Amboo siidaa yaadannoo weellisaa Hacaaluu Hundeessaa, mooraa Yunivarsiitii maqaa isaan moggaasame fuulduratti ijaarsisaa ture xumuree Dilbata dabre uummataaf ifa godheera.

Your browser doesn’t support HTML5

Siidaan Haacaaluu Laphee Uummataa Keessa Jira Jedheen Amana: Prezidaantii Yunivarsitii Amboo

“Siidaan Hacaaluu laphee uummataa keessa jira jedheen amana, wanti nuti lafarratti maqaa isaan goonu hundumtuu maqaa isaa hin madaalu; hojiin isaa dhalootatti akka darbuuf jecha siidaan yaadannoo kun kan ijaarame“ jedhan Pireezidaantiin Yunivarsiitii Amboo Doktor Taaddasa Qana’aa.

Siidaa Artiisti Haacaaluu Hundeessaa, Yunivarsitii Amboo

Obboleessi weellisaa Hacaaluu Hundeessaa, Habtaamuu Hundeessaa, “Hacaaluun haqa Uummata Oromoo dubbachuusaan waan ajjeefameef, haqni isaa akka bahun barbaada” jedhe.