Siinqeen Mallattoo Nagaa fi Araaraati: Dubartoota Sudaan

  • VOA

Jilli aadaa fi nagaa ka dubartoota Sudaan Godinaa Arsii Lixaa – magaalaa Kofaleetti argamuudhaan sirna aadaa “Siinqee” daawwatee jira. Aadaa Ormoo keessatti Siinqqeen sirna mirgi haadhotaa ittiin tiksamu sirna araaraa fi nagaa ti. Kutaan Daarfur kan Sudaan wal waraansaa fi walitti bu’insaan beekamtuu akkuma taate gama aaddaan walitti bu’iinsa uumaman furuuf muxannoo argachuuf ta’uun ibsamee jira.

Your browser doesn’t support HTML5

Jilli Aadaa fi Nagaa Dubartoota Sudaan Sirna Siinqee Daawwatan

Sirna aadaa ka dubartoonni mirgaa fi bilisummaa isaanii ittiin tikfatanii fi itti-gaafatama hawaasummaa ittiin bahatan tahuu dubbata - Biiroon Aadaa fi Tuuriizimii Oromiyaa. Hoogganaan jila dubartoota aadaa fi nageenyaa Sudaan – Proofeesar Miikii Hashaa Bilii Itiyoophiyaan wal-dhibdeelee karaa aadaa furuudhaan shaakala gaarii akka qabdu dubbatan.

Gabaasa Guutuu Caqasaa.

Your browser doesn’t support HTML5

Siinqeen Mallattoo Nagaa fi Araaraati: Dubartoota Sudaan