Simannaa WBO Tigraayitti Geggessame 

  • VOA

Bulchiisi naannoo Tigiraay, qaamoolee karaa nagaa qabsoo geggeessan maraaf akka deggersa godhu beeksisee jira. Magaalaa Maqalee keessatti, Waraana Bilisummaa Oromoof sirna simannaa geggeessame irratti kana beeksise – mootummaan naannoo Tigiraay. Kaleessa karaa Zaalaambassaatiin ka gara Itiyoophiyaa seenan – loltoonni Waraana Bilisummaa Oromoo, Addigiraat, Wuquroo fi Maqaleetti simannaan godhameefii jira. Hoogganni Adda Bilisummaa Oromoo, dhiheenya kana magaalaa Finfinnee keessatti ibsa gaazzexeessotaaf kenneen, loltoonni WBO kuma tokkoo fi dhibba sadi’ii haga kuma tokkoo fi dhibba shanii ta’an, Ertiraa irraa karaa bulchiinsa naannoo Tigiraay akkka Itiyoophiyaa seenuuf jiran dubbbatee ture. Simannaa hooggansa Adda Bilisummaa Oromoo har’a magaalaa Finfinneetti geggeessame irrattis, Waraanni Bilisummaa Oromoo dhibba irraa harka sagaltama tahu duraanuu kan Itiyoophiyaa keessa jiru tahuu dubbatamee, kanneen hafan hagi xiqqoon Ertiraa irraa seenuun isaanii beeksisamee ture.

Gabaasaan VOA – Mulugeetaa Atsibahaa, sirna simannaa magaalaa Maqaleetti geggeessame irratti argamuudhaan, Waraana Bilisummaa Oromoo irraa haga tokko haasofsiisee kan nuuf erge qindeessinee jirra. Guutummaa isaa caqasaa.

Your browser doesn’t support HTML5

Simannaa WBO Tigraayitti Geggessame