Jilli angaawota Eeertiraa Pirezdaantii biyyatti Iisaayyas Afawarqeetin durfamu Sambat-duraa harraa ganama yeroo buufata xiyyaaraa idila addunyaa Boolee gahaan muummicha ministiraa Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimad dabalatee angaawota mootummaa olaanoodhan simatame.
Your browser doesn’t support HTML5
Pirezdaantiin Eertiraa Fardaa fi Gaachana Badhaafaman
Pirezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obboo Lammaa Magarsaa pirezdaantii Eertiraa Isaayyas Afawarqee ti farda miha guutuu wajjin, akkasumas eeboo fi gaachanaa kennaniif
Imbaasii Eertiraa Itoophiyaatti
Jilli Eertiraa turtii isaa guyyaa sadi’ii keessatti sagantaawwan qophaahan keessaa tokko imbaasii Eertiraa cufamee ture Finfinnee keessatii sirna ifaan baanuu ta’uu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasatii jiran.
Itoophiyaa fi Eertiraan dhimma daangaatiin Bara 1998 - 2000 wal waraanan. Ergasii as oggoota kudha sadeetittiif walitti gaarreeffachaa turan. Tibbana garu suni jijjirrameera. Biyyoonni lamaan nagaha buusaanii walkeessa deemuu jalqabaniiru.