Republikii Somaalii land keessatti filannoo prezidaantummaa geggeessameen kaadhamamaan paartii biyya bulchuu Musee Biihii injifachuun beekamee jira.
Biidhiin sagalee dhibba irraa harka shantama yoo argatan mormituun isaanii Abduraahamaan Mahimud Abdullaashii immoo sagalee dhibba irraa harka 40 argachuu isaanii komiishinni filannoo beeksisee jira.
Paartii murtii haqaa irraa Faisal Ali Waraabe dhibba irraa sagalee harka 4 argachuun sadffaa ta’aniiru.
Adeemsi filannoo sun nagaan geggeessamuu fi ba’ii filannoo kan beeksisan dura taa’aan komiishina filannoo Abdikadir Iman Warsame turan. Bihiin yeroo taayitaa itti dabalaaf kan hin dorgomne kan murteessan prezidaant Ahmed Mohamudn bakka bu’uuf jiru. somaalii land bara 1991 Somaaliyaa irraa adda cituu ishee erga labsitee as prezidaantii shanaffaa filachuu ishee ti.