Namoonni meeshaa hidhatan Kibxata kaleessaa Somaaliyaa waaltaa magaalaa Baladweyiin keessatti hoteela maanguddonni naannoo fi qondaaltonni mootummaa keessatti walga’aa turan weeraruun marsuun isaanii itti fufee akka jiru namoonni ijaan arganii fi firoottan namootaa Rooyitarsiif himan.
Miseensi seera tuumtoota federaalaa Baladweyne irraa dhufan Dahir Amin Jesoow akka jedhanti, hanga ammaatti yoo xiqqaate namoonni afur ajjeefamaniiru garuu ''ammallee miidhaan irra gahe lakkaa'aa jirra'' jedhan.
Gareen hidhattoota Islaamaa Al Shabaab ibsa kenneen haleellaa kanaaf itti gaafatamummaa fudhachuun namoota 10 ol ajjeesuu ibseera.
Al Shabaab Somaaliyaa keessatti mootummaa kuffisuu fi bulchiinsa ofii isaa hundeessuuf akkasumas bulchiinsa seera shari’aa Islaamaa hojii irra olchuuf yaaluun mootummaa biyyatti raafamaa ta’e irratti haleellaa Bombii fi qawwee itti fuufiinsaan gaggeessaa jira.
"Jalqaba dhohinsa guddaa itti aansee dhukaasa qawwee dhageenye, achiis booda dhohinsi biraa dhaga'ame," jedha abbaan qabeenya suuqii haleellaa kana arge Alii Suleemaan.
Loltoonni mootummaa fi warri qawwee hidhatan dhukaasa wal jijjiiruun kutaaleen Hoteela Qahiraa hanga tokko gara caccabaatti jijjiramuu Suleemaan dabalaniiru.
Ragaan biraa naannoo hoteelichaa jiraattu Haliimaa Nuur akka jedhanitti, marsanii turuun kun itti fufee waan jiruuf dhukaasni addaan citee dhaga'amaa ture.