Motummaan Somaaliyaa Akka Dippiloomaatiin Qoonsilaa Itiyoophiyaa Biyya Isaa Gad-lakkisanii Bahan Ajaje

  • VOA

Somaaliyaan dippiloomaatii Itiyoophiyaa Moqaadishoo keessaa hojjetan irratti ibsa “ persona non grata” kan akka biyyattii gad-lakkisanii bahan taasisu irratti baasee jirti. Ministiriin Dhimma alaa Somaaliyaa har’a ibsa baaseen, qoonsilaan Itiyoophiyaa Alii Mohaammad Adan, gochaalee qooda dippiloomaatummaa isaatii ala tahaetti hirmaatee jira, jechuun balaaleffate.

Sababaa kanaaf, yeroo xalayaan kun isaan dhaqqabe irraa kaasee sa’atii 72 keessatti akka Somaaliyaa gad-lakkisanii bahan ajajee jira, mootummaan Somaaliyaa. Gochaalee dippiloomaatichi itti hirmaate jedhe garuu, waan gad-fageenyaan ibse hin qabu. Tahus ibsa baase sana keessatti “ochaan sun “labsii Viinaa fi Hariiroo Dippiloomaasumma ka cabsu” jedhee jira. Dhimma kana irratti Sagaleen Ameerikaa dameen Gaanfa Afrikaa dubbi-himaa Ministirii Dhimma alaa Itiyoophiyaa, Nebiyaat Getaachoo irraa deebii argachuuf yaalii taasiseef battalatti deebii argachuu hin dandeenye.

Somaaliyaa fi Itiyoophiyaan eega Itiyoophiyaan dhimma ulaa galaanaa irratti Somaaliilaand waliin waliigaltee wal-hunnaa mallatteessitee booda, wal-mormii dippiloomaasii keessa galanii jiran.