Somaaliyaan Filannoo Gaggeesssuf Carraaqaa Jirti

  • VOA

(Suuraa faayilii)

Somaaliyaan prezidaantii fi miseensoot paarlaamaa haaraa filuuf tarkaanfii ishee dandeesisuu fudhattee jirti.Kunis miseensoota mana maree isa ol aanuu magaala gama kibbaa fi buufata donii kan taatee Kismaayyoo keessatti filachiiftee jirti.

Miseensoota 72 kan qabu gumiin kutaa Jubaalaand, barcuuma isaan jalqabaa arfanii miseensoota 54 kan qabu mana maree isa ol aanuuf kismaayoo bakka yeroo tokko maadhee jabaa Al-Shabaab ture keessatti eegumsa jabaa jalatti gaggeessan.

Barcuuma mana maree isa olaanuu keessaa qabnuu 8 keessaa 4f namoota fillee jirra .Kunis fuula duratti deemuuf tarkaanfii milkaa’iina guddaa qabuu dha jechuun dura ta’an komiishiina filannoo kan kutaa Juubaalaand Siyaad Mursal dubbatanii jiru.