Barri 2004 wal waraansi Somaaliyaa waggoota lamaa oliif ture itti xumurame ture. Miseensonni mootummaa ce’umsaa paarlaamaa Somaaliyaa Naayaroobii keessatti wal ga’uu dhaan prezidaantii haaraa filatan. Keenyaa keessatti kan wal arganiif sababaan Moqaadishoon nageenyi isee yeroo sana balaa keessa waan tureef.
Somaaliyaan ergasii yeroo sadii filannoo geggeessitee jirtil haa ta’u malee lammiiwwan Somaaliyaa akkaan sagalee hin kennin jiru.
Biyyattiin gosii hedduun keessa waan jiruuf seera tumtoonni jaarsolii gosootaan filatamu. Kanneen seera tumanis prezidaantii filatu. Bakka bu’oonni mana maree uummataas prezidaantii filatu.
Waggaa darbe hoogganoonni polotiikaa Somaaliyaa sirna nama tokko sagalee tokko jedhu deggeruuf jecha sirni filannoo gosa irratti hundaa’e akka hafu walii galanii jiran.
Qaamni filannoo Somaaliyaa komiishinni filannoo walaba biyyoolessaa filannoo bara 2020tti jijjiiramni ni jiraata jechuun abdata.
Hayyoonni qaama bulchiinsa filannoo araba fi kanneen ardittii keessaa komiishina filannoo mariisiisuuf jecha torban kana Naayroobii keessatti wal ga’anii jiran.
Gorsaa dhimma filannoo kan ta’an Gerald Mitchell garee filannoo tokkummaa mootummootaaf directora.
Wal ga’iin kun komiishina filanno dhuunfaa kan biyyoolessaa gargaaruuf kanneen biroo gidduutti geggeessamuun barbaachisaa dha. Muuxannoo argamu irraa adeemsa jiru qopheessuuf garaara. Filannoo paartii hedduu hirmaachise geggeessuuf illee daandii saaqa.
Hayyoonnis tarkaanfiin dura fudhatamuu qabu paartilee polotiikaa galmeessuu akka ta’e walii galaniiru.
Your browser doesn’t support HTML5