Waraanii 'Liyuu Hayil' hardha Gujii Bahaa aanaa Gooroo Doolaatti nama ijjeesee aanaa Liiban Funnaan Agarsuutti waraana ‘buufachuutti jira'

Oromiyaa, Itoophiyaa

Your browser doesn’t support HTML5

Waraanii 'Liyuu Hayil' godina Gujii Bahaa aanaa Gooroo Doolaatti nama ijjeesee Liibanitti waraana 'buufachuutti jira'

Aanaan Gooroo Doolaa kun gama tokkoon aanaa ollootii Booranaatii fi Gujii keessa qubatan.

Waraani Liyuu Hayil ka hardha nama hadhe kun duruu lolaa gara Oromiyaa gadi goodaanaa waraanaa buufachaa dhufee hardha nama hadhe jedhan.

Obboo Yilmaa Mangashaa itti aanaa itti gaafatamaa aanaa Gooroo Doolaati. “danagaa keenna irratti nama tokkotti du’e. Daangaa keenna gubbaatti dhuafanii(Liyuu Hayil) waraana banan,” jedha.

Akka namii achii dubbinfe jedhutit waraanii Liyuu Hayil aanaa Gooroo Doolaa olloota Malkaa Halluu hardha ganamuu hadhee nama i'ijjeese.“Daangaa keenna keessati lafa qotatanii nama hadhan.”

Jarii kun akka warrii achii dubbifne jedhetti aanaa Liiban gara Funnaan Agarsuutii fi Dhungoo faalleetti mishigii qotatee, waraana buufachuutti jiraa.Dhiyoottuu nama hadhuu dandaha.

Fulaa hardha itti nama hadhe malee waraanii Liyuu Hayil waraana hidhate buufachaa jira.

Jarii kun akka warrii achi jiru jedhutti waraana leenjiii fi mi’a waraanaa hedduu qabu dagachiisee nama hadha.Akka namii hin qophoomne gama gamaa maree nama hadha jedhan