Hawaasi Somaalee kan Minesootaa keessaa Olola Al Shabab Fudhatama dhabsiise

  • VOA

Faayilii:Dubartoonni Somaalee halleellae Al-shabaab Kenyatti geechisee balaaleffachuf hiiriira gaafa bahan, Miniiyaapoliis, MN. Fulbaana 27, 2013

Miseensonni hawaasa somaalee kan Minesootaa keessaa viidiyoo al shabaab guyyaa ayyaana waggaa haaraa miseenosta filachuuf raabse fudhatama dhabsiisan.

Gamtaan wal ta’umsa Lammiiwwan Ameerikaa hidda dhalata Somaliyaa kaleessa galgala tuuta oduuf ibsa kennaniin ergaa vidiyoo kan dargaggoota Somalia Minesootaa keessa jiran finxaalessummaan wal qabsiise sana balaaleffatanii jiran.

Gaaffii fi deebii Radiyoo Sagalee Ameerikaa sagantaa Afaan somalee waliin geggeessaniin itti aantuu dura teessuun gamtaa Sanaa Hodan Hassan akka jedhanitti kaayyoon keenya namoonni amantii ka biroo hordofan gareen al Shabab Islaama bakka akka hin buune amansiisuu dha.

Gamtaan sun Imaamotaa fi hoogganoota hawaasaalee kanneen biroo waliin ta’uu dhaan deggersa walii qaban mul’saniiru. Hodaan akka jedhanitti qiyyaafati gamtaa keenyaa garee dargaggootaa xiqqoo kanneen finxaaleyyiin fo’ataman qofa irratti utuu hin taane irra jireessa dargaggoota lammiiwwan Somalee hidda dhalata Ameerikaa kanneen gocha yakkaa kanaaf saaxilamaniif rakkoo dinagdee isaan mudate dabalee ti jedhan.