Sudaan Keessatti Gamtaan Fonqolcha Deeggeeru Hundeeffamee Jira

  • VOA

FAAYILII - Konkolaataan hiriirtota fe’ee fi namoota hiriira mormii bahan, Onkoloolessa 25, 2022.

Sudaan keessatti gareewwan hidhattootaa fi deeggartoonni fonqolcha mootummaa waraanaa bara darbe gamtaa siyaasaa haaraa ijaaruun, gareewwan moggaatti qabamaniif iyyataniiru.

Humnoota Bilisummaa fi Jijjiirama Dimookiraatawaa jedhee of waamuu kun , garee fonqolcha mootummaa deggeru Garee Humnoota Bilisummaa fi Jijjiirama kan bulchiinsa waraanaa mormaa ture bakka bu’uu barbaada.

Gareen siyaasaa kun gareewwan Sudaan kannen waraana deggeran hedduu kan hammate yoo ta’u, isaan keessaa Bilisummaa fi Jijjiirama Waliigaltee Biyyoolessaa, Paartii Gamtaa Dimookiraatawaa, fi Mana Maree ol’aanaa Beejaa of keessaa qaba.

Gareen Humnoota Bilisummaa fi Jijjiirama–Dimookiraatawaa jedhee of waamuu kun, maqaa Humnoota Bilisummaa fi Jijjiirama waliin wal fakkaata. Kunis bara 2019 hiriira pirezidaantii duraanii Omar al-Bashir aangoo irraa kaasuuf gargaaree fi dhiheenya kana immo mormii bulchiinsa waraanaa gaggeeffame hogganee jira.

Gamtaan kun Kamisa darbe kan ifatti labsamee yoo ta’u, mootummaa ce’umsaa siiviiliin durfamu akka deggeru ibsuun, waliigaltee nagaa Juubaa bara 2020 irratti deebi’anii mari’achuu garuu ni morma.