Sudaan Kufaatii Dinagdee Ishee Mudateef Fala Barbaadaa Jirti

  • VOA

(Suuraa faayilii_

Bulchiitonni irree waraanaa kan Sudaan kufaatii dinagdee biyyatti mudatee fi hojii warqee qotanii baasuu akka carraa tokkotti ilaaluun, koree hatattamaa dhaaban torban kana labsan.

Sabaa himaan mootummaa kaleessa akka gabaasanti kaawunsilii sudaaniin bulchaa jiru keessatti aangawaan sadarkaa lammataa irra jiran Hamdan Dagaloo kanneen warqee qotanii baasan kan wal argan yoo ta’u isaanis Baankii waaltaaf warqee dhiyeessina jechuun dhaadachuun ibsamee jira.

Raashaan Yukreen weeraruu isheen ugguura irra ka’ameef qophaa’uuf jecha dhoksaadhaan Sudaan irraa warqee bitaa jirti oduu jedhu Raashaatti Ambaasaaddarri Sudaan soba jedhanii jiru.

Garu xiinxaltonni Sudaan akka jedhanti warqee seeraan ala gurguruun waan baratamaadha Raashaas dabalatee jedhu.

Waan sudaan gara biyya alaatti ergiitu baatii Amajjii dabree harka 85 kan kufee yoo ta’u bara 2019 keessas qaala’iinsa jireenyaa mudatee tureetu dhimmi Al Bashirii aangoo akka akka darbaman taasisee keessaa tokko ture.