Gareeleen Sudaan keessatti wal waraanan waliigaltee dhukaasa dhaabuu kan walakeessa halkan har’a xumuramuuf jirum sa’aatii dabalataa 72f akka dheeratuuf dhiibbaan addunyaa akka taasiifamu Dilbata kaleessaa gaafatanii jiru.
Walii galteen duraanuu gam lameen gidduu kan j ture ta’us gama lachuutiin bal’inaan tuffatamaa ture. Kunis, Namoonni nagaadhaan akka darban gochuu fi biyyattiin gargaarsa namoomaa akka argattu karaa banuuf jecha, gareewwan wal waraanaa turan lamaaniin kan hundeeffame yoo ta’u, jhokarri itti fufeera. Gama tokko isa kaaniin situ seera cabsee jechuun wal himataa jiran.
Daarektarri Olaanaan Sagantaa Nyaata Addunyaa Siindii Maak keen ibsa wiixata har’a baasaniin, akka jedhanitti, dhaabatii isaanii “du’a gaddisiisaa miseensonni garee sadeen sadan Ebla 15 dhaqqabee booda, hojiiwwan yeroof dhaabbate ture, battalumatti kaasaa jira.”
Guyyoota dhufan keessatti, gargaarsa lubbuu baraaruu kan namoonni hedduun yeroo ammaa kana baay’ee barbaadan kennuudhaaf, Naannoleen Gedaarif, Geziraa, Kassalaa fi White Nile “ bakka raabsa nyaataa ta’u jedhamee eegama jedhan
''Waldhabdee kanaan dura Sudaan keessaatiin namoonni miiliyoona 15 ol ta'an hanqoona wabii nyaataa hamaa isaan mudateera,'' jedhan Maak keenii, Lolli kun itti fufee waan jiruuf lakkoofsi kun haalaan akka guddatu ni eeganna jedhan.
Mootummaan Biriteen lammiilee ofii kanneen walwaraansa Sudaan keessaatti danqamanii jiraniif, balalii xayyaaraa dabalataa akka gaggeessii Dilbata kaleessaa beeksiseera.
Balaliin Sambata dabree galgala buufata xiyyaaraa Waadi Seidna keessaa lammiilee Biriteen fe’e ba’e isa dhumaatii jedhamee ture. Dilbata kaleessaa garuu Waajjirri Dhimma Alaa, Koomanwelt fi waajirri misoomaa, balaliin xayyaaraa kun Wiixata akka itti fufuu, kunis, buufata xiyyaaraa Poort Sudaan irraa ka’u fi isa dhumaa ta’u akka maluu beeksisanii jiru. Keessumaa magaalaa Kaartuum keessatti lola cimaan akka ture ibsamee jira.
Gareeleen Wal Waraanan Kan Sudaan Mariif Taa’uu Qabu : Tokkummaa Mootummootaa
Qaamonni Sudaan keessstti wal waraanaa jiran lola dhaabanii marii dhugaa irratti hundaa’eetti akka bobba’an, Sudaanti Itti gaafatamaan Tokkummaa Mootummootaa Volkar Pertees irra deebi’anii waamicha dhiyeessan.
Walitti bu’iinsa Kaartuum keessatti cimee waan tureef jecha, yeroof gara Poort Sudaanti kan jijjiiramanPerthes, bakka bu’oonni waraanaa fi humnoota deeggarsa ariifataa biyya sadaffaa keessaa, yeroo jalqabaaf akka wal argan gochuuf, tattaaffiin gaggeeffamaa jira jedhu. Pertees gareelee Sudaan keessatti wal waraanaa jiran lameen waliin haala dhaabbataa ta’een wal qunnamaa akka jiran ibsan.
Dilbata kaleessaa Poort Sudaan keessatti gaazexeessitootaaf ibsa kennaniin, Pertees, qaamoleen waraanaa jiran lamaan, lola akka dhaabanii, dhaabbileen gargaarsa namoomaa lammiilee nagaa tajaajila akka kennaniif akka ehaman, waamicha isaanii irra deebi’anii ibsaniiru.
Lolli kun torban lamaa dura erga ka’e as lammiileen nagaa fi waraanni 500 ol ajjeefamanii kuma 4 ol madaa’aniiru. Qaamoleen wal waraanaa jiran dhukaasa dhaabuu walduraa duubaan labsan iyyu, garuu tokkollee yeroo dheeraaf kan ture hin jiru.
VOA/JG/TG