Taalibaan Dilbata kaleessaa Kaabul to’ate. Dipiloomaatonnii, fi namoonni siviiliin aschii baafamaa jiran

  • VOA

Faayilii - Lotoota Taalibaan maagaala Ghazaanii keessatti, Hagayya 15, 2021

Loltoonni Taalibaan Dilbata kaleessaa magaala guddittii Afgaanistaan, Kaabul, erga to’atanii booda bufanni xiyyaaraa Afgaan namoota kumaan lakkaawwaman biyyatti gadhiisanii bahuuf dabaree eeggataniin guuttaeera. Loltoonni Yunaaytid Isteetis nagahaa buufatichaa eeguuf achi jiran darbe darbe dhukaasa akeekkachiisaa dhukaasuutuu gabaafame.

Lammiiwwan Afgaanistaan dheeffarra jiran buufata xiyyaaraa tti, Hagayya 16, 2021,

Biyyoonnii Dhihaa lammiilee ofii fi hojjattoota lammii Afgaan ta’an oggootaa 20 darbaniif isaan tajaajilaa turan Kaabulii baasuuf tattaafachaa jiran. Pireezdaantiin Afgaanistan ibsa karaa Feesbuukii gadhiisaniin, dhiiga dhangalaasuu hambisuuf biiyyattii gadhiisanii bahuu ibsanii turan.

Kalessuma, hidhattoonni Taaliban masaraa teechoo pirezdaantichaa ture fi isaan dhiisanii bahan keessatti suuraa ka’anmiidiyaalee irrati agarsiifamaa ture.