Taalibaan VOA Fi BBC Ugguree Manneen Barnootaa Shammarranii Cufee Jira

  • VOA

Marsariitii VOA

Buufannii Televiziyoona dhunfaa kanneen Afgaanistaan keessaa oduu Raadiyoon Sagalee Amerikaa fi Bii Bii Sii (BBC)akka hin tamsaafne dhorkee jira.

Gocha Taalibaan kan balaaleefate RSA murtii isaa kana keessa deebi’ee akka ilaaluu gaafatee jira.

Eeggattuu Daayreekteerri RSA Yolaandaa Loopeez ibsa baasaniin yaada ofii bilisa ta’anii ibsachuuf mirga uummanni Afgaanistaan qabu Taalibaan ugguuruu yaala jedhan.RSA oduu daqiiqaa 30 torbanti guyyaa 5 dabarsa.

Gama kaaniin kan Afgaanistaaniin bulchaa jiru Taalibaan shamarran barnoota sadarkaa lammaffaa akka hin baranne ittisuun kan akkaan isa yaaddesse ta’u golli naga eegumsaa kan Tokkummaa Mootummootaa Ibsee jira.

Taalibaan gama isaan sababaan kenne dhimmi shamarran barachuu jedhu kun ijaseera Islaamaan ilaalmuu qaba jedha.