Your browser doesn’t support HTML5
Tajaajilli Intarneetii, bilbila mobaayiliii fi bilbilli idilee Oromiyaa Lixaa godinaalee Wallaggaa afuranitti addaan cituun, heera biyyattiirratti mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu raggaa’e sarbuurra darbee, labsii Telekoomunikeeshinii biyyattii waliin wal faallessa jedhan, Hayyootni Gaazexessummaa fi Komunikeeshinii.
“Haalli tasgabbii biyyaarratti danqaa yeroo uumu tajaajiloota tokko tokko akka addaan citullee, yeroo ammaa kanatti garuu, haalli tajaajiloota bilbilaa fi Intarneetii addaan kuchisiisu biyyattii keessatti hin uumamne” jedhan Barataan Barnoota Doktorummaa Nagaafi Tasgabbii Yunivarsiitii Finfinnee.