Ilmoon nama sababa adda addaatiif biyya itti dhalatee guddate- qehee ofii -gadhiisee baha. Kaan jireenya wayyaa qabu hawweet daangaa ceha. Kaanimmoo mirgi dhittameet, cunqursaa fi roorroon itti hammaateet, lubbuu ofii baafachuudha biyya gurraan dhagahuu malee ijaan argee in beeknetti cala'a.
Obboo Tashitaa Tufaa bara 1992 gara Ameerikaa godaanan. Bu'aa bahii bayyee keessa darbanii amma abbaa qabeenya guddaa ta'an.
Kaampaaniin Obboo Tashitaa,Metroopolitaan Traanzit Neetworkin gara hojjatoota 300 qaba. Guyyaa guyyattis baratoota godina Minnisootaa kuma kudha shanii ol mana barumsaatti deddeebisa.
Iccitiin milkaa'ina isaanii maali laata?
Kutaa duraa sagantaa kanaa dhaggeeffadhaa.
Your browser doesn’t support HTML5
Kutaan lammataa kinooti:
Your browser doesn’t support HTML5