Teeknoolojiin guyyumaan jijjirama. Jijjirama kana haawaasni akka irraa fayyadamu Afaan adda addaattii jijjiruu fi wal-simsiisanii immoo qindoomina oggeessotaa gaafata.
Dabalaa Tasfaayee ogeessaa teeknoolojiiti. Yunvarsiitii Jimmaa, kutaa ‘School of computing’ jedhamutti barsiisaa dha. Hiriyoota isaa ogummaa Kompiitarii fi teeknoolojii oddeeffaannoo (IT) irratti hojjatan wajjiin qorannoo bayyee hojjata. Yunivarsiitii Finfinneetti Ph.D isaattii qorannoo hojjachaa jiru as Ameerikaatti koonfiransii tokko irratti dhiheessu dhufe.
Waayee qorannoo isaa, milkaa’inaa fi gufuuwwan firii qoraannoo gara hojiitti hiikuudhaaf hawaasni akka irraa fayyadamu gochuu laalchisee haasofsiisnerra.
Your browser doesn’t support HTML5