Naannoo Tigraay aanaa Raayya Allaamaaxaatti Abbaan Amantaa Tokkoo fi Bartoonni Isaanii Afur Haleellaa Rasaasaan Ajjeesamuun Himame

  • VOA

Bulchiinsa naannoo Tigraay aanaa Raayya Allaamaaxaa bakka Dhumuugaa waldaa amantaa Ortodoksii Kidane Mihiret jedhamuu keessa kan turan abban Amataa Tokkoofii baratootaa isaanii irraati haleella Raawatameen namoottan Shan du’anii Afur immoo madaa’ u isaanii Bulchaan Godinaa Obbo Mollaa Hiluuf sagalee Amerikaatti himaniiru.

Akka bulchaan Godinichaa dabalnii ibsanitti Jimaata Dheengaddaa Guraandhala 27 halkan dhukaasa halkan keessa Raawwate Kanaan namoottan Sadii batalumaatii erga ajeefamanii booda namoottan lam aimmoo ergaa hospitaala seenanii booda lubbuun isaanii darbeera.

Maqaa isaanii ibsuu kan hin barbaanne jiraatonii gandichaa halkan sana dhukaasa dhagahuu isaanii ibsanii umnoottan mootummaa Feederaalaa naannoo sanatti arguu isaanii sagalee Amerikaati himaniiru.

Barsiisaan Amanitii wagga 71 achuma bakka Amantaa Ortodoksii keessati akka awwaalamaniifii ijoollewaan baruumsaa amantaa irra turan Afur immoo gara bakka dhaloota isaaniitii ergamanii akka awwaalaman Hospitaala Allaamaxaatti qindeesaan dhimma yeroo balaa obbo Asefaa Girmaay beeksisaniiru.

Biiroon dhimma komunikashinii bulchiinsa naannoo Tigraay, Guraandhala 29 bara 2017 ALI ibsa kenneen namoottan Shanan kun gareewwan eenyumaan isaanii hin bekamneen ajjeechaa Suukaneesaan isaan irratti raawachuu ibsee, umnoottan wareen yakka sana raawatan seerratti dhiheesuudhaaf hojjachaa akka jiru beeksisuu isaa Mulugeeta Astibahaa Maqalee irraa gabaaseera.