Baatilee dhufan lama keessatti gargaarsii kennamuu dabalaa hin deemu taanaan Tigraay keessatti beellii seenuuf carraa guddaan akka jiru Tokkummaa mootummootaatti itti aanaa itti gaafatamaa dhimmootii gargaarsaa fi qindeessaa gargaarsa hatattamaa kan ta’an Maark Laawkook beeksisanii jiru.
Mummichi ministeera Itiyoophiyaa Abiyyi Ahmad duula waraanaa kan hatattamaa Tigraay keessatti fudhanne eega jedhanii baatii 6 caala booda amma illee wal waraansii fi dararaa Tigraay keessatti kan itti fufee yoo ta’u beellis baatilee hedduuf sodaachisaa jira.
Walitti bu’iinsii hidhannoo, hokkaraa fi wabii nyaataa dhabuun wal dabaree deemuu kun cabsuuf tarkaanfii qabatamaan fudhatamuu qaba jedhan Laawkook.Kanaafis biyyonni miseensoota gola naga eegumsaa ta’an tarkaanfii akka beelli hin dhufne ittisu tarkaanfii danda’ame akka fudhattan gaafadha jedhan
Gabaasa Guutuu Caqasaa
Your browser doesn’t support HTML5