Tigraay Keessatti Hookkarri Saalaa Hammaachun Himame

  • VOA

Magaala Hawzeen, Tigraay, Waxabajjii 6, 2014

Tigiraay keessatti lakkoobsi dubartootaa fi durboota miidhaan humnaan gudeeddii irratti raaw’atame kuma tokkoo fi dhibba afur caaluu isaa, kanneen VOAn dubbise aangwoonni bulchiinsa yeroofii ka naannichaa beeksisanii jiran.

Aangawoonni Biiroo Murtii-haqaa fi Biiroo dubartootaa miidhaan “loltoota Itiyoophiyaa fi Ertiraatiin raaw’atamaa jira” jedhan lakkoobsaanis gochaa gara jabinaatiinis daran hammaatee” itti fufuu dubbatan. Humnaan gudeeddii irratti raaw’atametti dabalee, qaama isaanii irratti asiidii biifuu dabalee miidhaan guguddaan kanneen irratti raaw’atame dubartoonnii fi durboonni 527 jiraachuu ragaan hospitaala Hayider irraa argame ni mul’isa.

Gochaa kanneen shakkaman yoo xiqqaate namoonni shan to’annaa jala oolfamuu isaanii Biiroon Murtii Haqaa Bulchiisa Yeroofii Naannoo Tigiraay kan hime yoo tahu, kanneen humnaan gudeeddiitti shakkaman loltoota 25 irratti himannaan dhihaachuu fi loltoota 3 irratti balleessaan muramuu Abbaan-alangaa Muummichi Itiyoophiyaa beeksisee jira.

Mootummaa Ertiraa irraa, ilaalcha gama isaa argachuuf carraaqqiin godhe milkaa’ina dhabuu ibsee, waahilli keenya kutaa Afaan Tigiree, Gabree Gabre-Medihin gabaasee jira.

Gaazaxeesituun VOA Heezer Mardook ammas hojiif Tigiraay keessa jirti.

Waa’ee dubartootaa fi durbootaa midhaan hookkaraa saalaa irratti raaw’atamee gaaffii fi deebii kennitee jirti.

Your browser doesn’t support HTML5

Tigraay Keessatti Hookkarri Saalaa Hammaachun Himame

Gaazaxeesituun VOA Heezer Mardook ammas hojiif Tigiraay keessa jirti. Waa’ee dubartootaa fi durbootaa midhaan hookkaraa saalaa irratti raaw’atamee gaaffii fi deebii kennitee jirti.

Your browser doesn’t support HTML5

Gaazzexeessitin VOA Waa’ee Miidhamtoota Hookkara Saalaa Tigiraay Keessaarratti Ibsa Achirraa Kennite