Tigraay Keessatti Tajaajilli Qorannaa Vaayrasii Koronaa Uummataa Jalqabuuf Jira 

  • VOA

Magaala Maqalee (suuraa faayilii)

Bulchiinsa naannoo Tigraay keessatti dhiyeenyatti dhukkuba Kooviid-19 kan ilaaleen qorannaan namootaaf gaggeeffamu kan jalqabu ta’u Dhaabata fayyaa hawaasaa Tigraayiif Daayreekteer eeggataa kan ta’an Xagaayee Haadgoo VOAf ibsanii jiru.

Walitti bu’iinsa Tigraay keessatti gaggeeffamaa tureef jecha baatilee shaman darbaniif namoota vaayrasii Koroonaan qabaman qoratanii adda baasuuf dhaabatee akka ture ibsan.

Tajaajiila kana jalqabuuf Maqalee keessa kan jiran dhaabatoonni fayyaa 15 warra duraa akka ta’an dubbatan Obbo Xagaayee Haadgoo.