Doonaald Traamp namoottan Tibbana filatan keessaa tokko Toom Hoomaan itti gaafatamaa dhimma daangaa akka ta’an muudamuun isaanii beekameera. Traamp fuulaa miidiyaa hawaasaa ofii isaanii isaa Truuz jedhamuu irratti akka beeksisanitti Toom Hoomaan dhimmaa daangaa kallatii Meeksikoo fi Kaanaadaa jiruu irratti nama barbaachisaadhaaf yeroo dheeraadhaaf kan itti yaadaa turan akka ta’e ibsaniiru.
Doonaald Traamp yemmuu duulaa nafiladhaa taasisaa turan namoottan biyyaa alaa karaa seeraan alaa Yunaayitid Isteets keessa seenana miiliyoonatti lakkawamaan akka biyyaa baasan dhaadachaa turuun isaanii ni beekama. Waadaa isaanii kanans Toom Hoomaan akka fiixaan baasan abdii qaban ibsaniiru. Dhimma godaantotaa irratti ijjannoo cimaa akka qaban kan beekaman Stefen Miiler itti anaa itti gaafatamaa waajjira prezidaantii akka ta’an akka muuduuf deeman kan eegaman Doonaald Traamp, kutaa Niwu yoork irraa miseensa mana maree bakka bu’ootaa kan ta’an Eliis Stefaniik dhaabata mootummoota gamtoomanitti ambaasadera Yunaayitid Isteets akka ta’an filachuun isaanii gabaasamee jira.
SEE ALSO: Tiraamp Kutaa Arizoonaattis Injifachuudhan Kutaalee Swiingi Isteet Jedhaman Hunda Moohuudhan XumuranDhimaa muudaamaa kan ilaalchisuudhaan kan gabaasee maddii oduu Rooyiters akka jedheetii , Doonaald Traamp Senaateer Maarkoo Ruubiyoo akka ministeeraa dhimma alaa mootuumaa isaanii ta’an yaadaniiru jedhamee himamaa jira. Dhimma kana irratti odeeffannoo maddaawan eenyuumaan isaanii akka hin beekamne gaafatan waabefachuudhaan kan gabaasee Rooyoters, Traamp fi Ruubiyoon dhimma kana irratti gaafii dhihaateef akka deebii hin kennine ibsee jira.
Miseensa bakka bu’ootaa ummata kan ta’an Maayikl Waalz gorsaa dhimma nageenyaa isaanii akka ta’an kan gaafatan Doonald Traamp, bakka bu’aa kutaa Niwu yoork duraanii Lee Zeldiin itti gaafatamaa dhaabataa Egumsa naannoo akka ta’anfilatanii jiru.
Dhimmaa godaantota seeraan alaa biyyaa baasuu irratti kan dhaabata oduu CNN wajjin haasa’an bakka bu’ann kutaa Ohaayoo fi degeraan Doonaald Traamp , Jiim Jordaan, marsaan duraa godaantotaa seeraan alaa biyyaa baasuu namoottan Miiliyoonii 1.3 irratti kan xiyeeffatte akka ta’e ibsaniiruu. Namoottan gaaffiin koola galtumaa isaani dhiheessan fudhatamaa dhabee kanaa wajjin daa’iman jiranu miiliyoonaa 3.6 ta’an maatiiwwan isaanii wajjin biyyaa baafamuu? Jedhamanii kan gaafataman Jiim Jordaan “ gaafiin kuun yeroo biraa deebii argataa “ jechuun isaanii gabaasameera.