Tiraampi  filannoo pirezidantummaa US bara 2020 dheeressuuf yaada dhiyeesse poostaan filachuulleen dhiba qabaachu dandeetti jedhe

  • VOA

President Donald Trump speaks with reporters before walking to Marine One on the South Lawn of the White House, July 31, 2020, in Washington. Trump is en route to Florida.

USA,Bitootessa 3,2020 nama isii bulchu filatti.Biyyitii tun gannuma afur afuriin torbaan qaraa Bitootessaa keessa pirezidaantii filatti.

Guyyuu kanallee kongireesii isiitti seera tolchee baaseef. Akka oduu arganneetti barana waraanaa keessaayyuu Amerikaa takkummaayyuu guyyaa filannoo isiin dabarsine.

Waan takka hin pirezidaanti irraa hin dhagahin pirezidaantiin Amerikaa filannooo biyya isaa ta bara kanaa durattii siissaa jedhee yaad dhiyeesse

Amerikaan guyyaa 92n duubatti pirezidaantii filatti. Namii guyyaa filannoo sun dhufu hin dandeenne buufata filannootti poostaa ergate filata. Kun seera lafa jiru. Pirezidaanti Tiraampi ammoo tun filannoo qajeeltuu argachuu nama dhowwuu fa daneetti jedhe.

Pirezidaantiin Amerikaa filanoo guyyaa qabaniif irraa duraa fi duuballetti chochoosuuyyuu hin dandahau. Huji isaatii miti.

Tiraampi ammoo haga namii cuftii itti qophaahuutti filannoo durattii dabarsaa jedhee Twitter irratti barreesse.Partiin demokiraati keessaa namii hedduun jecha Tiraampi kanaayyuu hin maadeffate.

Ministetra haajaa alaa Amerikaa,Mike Pompeo Tiraampi filannoo duratti hiissuu hin dandaha moo hin dandahu jedhanii gaafatan.

Akkana jedhe Pompeonn “filannoo namii cuftii abdii irraa qabaatee itti gammaduu qabaachuu feena,”jedhe.

Kongiressman Tom Udall nama paarti Demokiraati keessaa hojjatu.Tiraampi filannoo dhuftu irratti yoo fkn moohameeyyuu irraa bu’uu irratti shakkiin jiraachuunuu demokiraasii Amerikaa addunyaa duratti qancarsuutti jira jedhe.

Yoooo Tiraampi moohamee irraa bu’uu dide ati maan jetta jedhanii gaafatan Pompeo

"Ani akkuma duruu jechaa bahee seeraa fi heeraan buluu fedha.Duriillee sunumaan deemaa ammallee tanumatti jira,” jedhe.

Mana marii Amerikaatti itti gaafatmaan paarti Rippaabilikaan, Kevin Makaartii pirezidaantiin Amerikaa namii poostaa ergee abbaa fedhe filuu dandahaa jechuu irratti yaaddo qaba.

Taatullee Amerikaa takkuma filannii hn dabarsine “filannoo teennatti deemuu malle.” Amerikaatti namii gaafa filannoo buufata filannoo dhufee filachuu hin dandeenne poostaa ergee filata kun woma jriaati.

Akka bulchootii filannoo Amerikaa jedhanitti rakkoo poostaan filachuun qabaatee filannoon dhibu woma hin argine jedhan