Tokkummaan mootummootaa waamicha isaa kan Sudaan kessatti lola dhaabinsi hatattamaan akka hojii irra oolu taasisuu kan Kibxata darbe haaromse yoo ta’u, angaoonni qaamotiin alaa meeshaa waraanaa dhiyeessuu dhaan walitti bu’iinsa sana waan hammeessaniif siivilonni waraana sana keessatti gatii qaalii baasaa jiru jechuun akeekkachiisaniiru.
Tokkummaa mootummootaatti itti gaafatamtuun damee siyasaa Roozmerii Dikaarloo kanneen wal fincilan gara mariitti fiduuf yeroon isaa erga darbe tureera jedhanii, kanaaf malli walitti bu’iinsa keessaa itti ba’an tokkichi marii dhaan furmaata siyaasaa fiduu qofa jedhan. Dikaarloon akka jedhanitti lola dhaabiinsi guutuu biyyaa bakka hin jiraannetti, kannen biyya keessaa wal fincilan namoota nagaaf boqonnaa kennuu fi walii galtee irra ga’uuf daandii saaquu danda’u jedhan.
Gola naga eegumsaa kan Tokkummaa Mootummootaaf akka ibsanitti, hooggantoonni garee wal waraana kan RSF fi humna waraana Sudaan dirree waraana irratti waan injifatan itti fakkaatee lolaa fi haleellaa akka hammeessan Dikaarloon dubbataniiru.
Raashaa fi masriin kanneen garee RSFf meeshaa wraanaa dhiyeessan keessaa ta’uun gabaasameera. Gama biraan, angawoonni Sudaan mul’inatti Tokkummaa Emireetota Arabaa milishoota RSFf meeshaa waraanaa karaa biyya hollaa Chaad daddabarsiti jechuun qeeqaniiru. Tokkummaa Emireetota Arabaa garuu himannaa kana cimsuun haaltee jirti.
Ambaasaadderri Sudaan kibxata gola naga eegumsaaf akka himanitti, RSF konkolaataa gargaarsaa meeshaa waraanaa fi loltoota biyyootii alaa mindeeffaman karaa daangaa Chaad waliin jiru Adreetiin dedeebisa jedhan. Uummatu miliyoonni kudha tokko qe’ee ofii irraa kan buqqa’e yoo ta’u, uummati Sudaan walakkaan jechuun kanneen miliyoona 25 ta’u wabii nyaataa hamaan dararamaa jiraachuu Tokkummaan mootummootaa baatii Hagayyaa keessa kan beeksise yoo ta’u Sudaan naannoo Daarfuur keessatti beelli mudachuu isaa mirkaneessee jira.