Kan prezidaantummaa Yunaayitid Isteetisiif filataman Doonaald Traamp Wixata kaleessaa michoota daldalaa biyya isaanii ijoo sadan Chaayinaa, Meksikoo fi Kanaadaa irratti meeshaalee biyya isaanii irraa galan irra battala taarifa kaa’uuf waadaa seenaniiru, kunis waraana daldalaa tuqatee gatiin meeshaalee fayyadamtoota Yunaayitid Isteetis irratti akka dabalu taasisa jedhameera.
Traamp tarkaanfiiwwan kana beeksisuuf fuula miidiyaa hawaasaa isaanii Truuz Sooshaal jefhamu irratti barreeffamoota walitti aanan barreessuu dhaan, guyyaa jalqabaa aangoo isaaniitti oomishaalee gara Ameerikaa dhufan hunda irratti taarifa dhibbeentaa 25 Meksikoo fi Kaanaadaa irra meeshaalee galan irratti dhibba irraa harka 25 akka baasaniif galmeelee barbaachisoo ta’an hunda nan mallatteessa jedhan. Daangaa Banaa taa’ee jiru kan nama dhibu jedhan illee qeeqanii jiran.
Taarifni kun hanga “Qoricha sammuu namaa hadoochu, keessattuu Fentanel jedhamuu, fi godaantonni Seeraan Alaa biyya keenya weeraran dhaabanitti itti fufa jedhan. Tiraamp Meksikoo fi Kaanaadaan dandeettii rakkina yeroo dheeraaf ture kana salphaatti furuuqabu jedhan. Akkasumas, qoricha baay’inaan keessumaa Feentanel, gara Ameerikaatti ergamuu keessatti gahee Chaayinaan qabdu jedhan qeeqaniiru.
Tiraamp itti dabaluu dhaan hanga Chaayinaan tarkaanfii ishee kana dhaabdutti Yunaayitid Isteeti taarifa itti dabalaa dhibba irraa harka 10 meeshaa chaayinaa galan mara irra keessi jechuun barreessaniiru. Chaayinaan deebii kenniteen, eeyu illee kan lola daldalaa ykn taarifaa injifatu hin jiru jette.
Dubbi himaan Embaasii Chaayinaa Yunaayitid Isteetisitti argamuu kan tga'an Liyuu Peenguu, Chaayinaan tumsi dinagdee fi daldalaa Chaayinaa fi Ameerikaa dantaa waliin ta’uu wal-fayyadu ta’uu ni amana jedhan. Ameerikaan, Meksikoo fi Kaanaadaan yeroo Tiraamp aangoo irra turanitti waliigaltee daldalaa haaraa kan mallatteessan yoo ta’u, waliigalteen kun bara 2026tti gamaaggamaaf kan dhiyaatu ta’a.
Tiraamp fi Muummichi Ministiraa Kaanaadaa Jastiin Tiruudoo, erga Tiraamp karoora isaanii Wixata kaleessaa beeksisanii booda daldalaa fi nageenya daangaa irratti mari’achuu isaanii kan haala isaa keessa beeku maddi Kaanaadaa haala tokko beeksiseera. Hoogganaan haaraan Yunaayitid Isteetis kun hanga ji’a lamaatti hojii hin jalqaban, kunis jijjiirama karoora Tiraampiif jijjiirama ta’uu maluuf yeroo kenna.