Traamp Nama Minsteera Haqaa Mootummaa Isaanii Hogganu Haaraa Filataniru

  • VOA

Haadha Alangaa Kutaa Filooridaa Duraanii Paam Boondii, Waashnigitan, Diisii, Sadaasa 25, 2020.

Prezidaantii Yunaayitd Isteets akka ta’an kan filataman Doonaald Traamp akka moo’achuu isaanii mirkaneeffataniin namoottan taayitaa olaanaa dhaaf filatan keessaa tokko kan ta’an fi taayitaa abbaa alangaa Feederaalaatiif kan kaadhimaman Maati Geetiz himannaa yakkaa irratti dhihaatee mana maree bakkaa bu’ootaatti qorannoon irratti taasifamaa jeruu waan ta’aniif muudamnii isaanii mana maree seeraa raggasistootaa ykn Senetii irratti falmisiisaa ta’uu danda’a jedhamee irratti dubbatamaa turee.

Maat Geetiz guyyaa kaleessa akka kaadhimamummaa isaanii hin fudhanne beeksisuudhaan fedhii isaaniitiin akka dhiisan himan. Doonaald Traamp, Maat Geetiz erga kaadhimamtummaa akka hin fudhane beeksisanii sa’aati muraasa boodaa hadha alangaa kutaa filooridaa duraanii Paam Boondii akka hoggantuu ministiraa haqaa ta’an filachuu isaanii beeksisaniiru.

Kutaa Filooriidaatti haadha alangaa dubartii jalqabaa ta’uudhaan waggoottan 18 fi kan tajaajilan Paam Boondii, yemmuu Doonaald Traamp yeroo jalqabaa prezidaantumaa irraa turan himannaa akka aangoo irraa ka’an irratti dhihaatee ture mormuudhaan abukaatoo Traamp ta’uudhaan ogeessotaa seeraa dhaabbatan keesaa tokko turan.

Doonaald Traamp filatamuu Paam Boondii ilaalchisuudhaan ibsa kennaniin, qoriichaawan lubbuu namaa baleesuudhaan beekamaniifi karaa seeraan alaa biyyaa seenaa jiran dhaabsisuudhaaf yaalii taasifamee keessatti shoora guddaa taphachuu isaaniitiif faarsaniiru.

Marsaa Afuriifi miseensaa mana maree bakka bu’ootaa kan turan Maat Geetiz, kadhimamummaa keessaa bahu isaanii hordofuudhaan yaada kennaniin, " Hojii murteessaa ta’e kana irratti mirkaneessi koo haqa malee yaada namaa kan jeequ ta'aa akka jiru ifaa dha" jechuun isaaniifi himannaa irratti dhihaate hunda haaluun isaanii gabaasameera.