Abjuu Ijoollummaan Qaban Dhugoomsuuf Cicha Qabaannaan Milkaa’uun Ni Danda’ama: Shamarree Mezumure Fisahaa

  • Tuujubee Horaa

Your browser doesn’t support HTML5

Xumura ji’a darbee saatelaayitiin “Landsat 9” jedhamtu gara Hawwaatti furguggifamtee turte. Satelaayitiin kun jijjiiramni qilleensaa addunyaa kana mudataa jiru, dhiibbaa inni dachii irratti uumu qorachuu dhaan odeeffannoo gara lafaatti ergiti.

Keessummaan keenya har’aa satelaayitii kana hojjechuu keessatti injinerummaa dhaan qooda kan fudhatte shamarree waggaa 23 Mezmure Fissehaa jedhamti. Mezmuren Lixa wallaggaa magaalaa Dembi Dollootti dhalatte.

Yeroo ammaa kampanii NASAf satelaayitii hojjetu NORTHRUP GRUMMAN jedhamuuf hojjetti.

Waa’een Hawaa xinnummaa koo qabee fedhii koo ti jetti.